Fana: At a Speed of Life!

Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 13ffaan Sabbataan qixa yoo xummuru,Jimmaa Abbaa Jifaar injifatame

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 13ffaan Sabbataan qixa yoo xummmuru, Jimmaa Abbaa Jifaar injifatameera.
Taphni har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Bahaar daaritti gaggeeffameen Jimmaa Abbaa Jifaarii Hadiyyaa Hoosa’iinaan goolii 1 fi 0n injifatameera.
Tapha waaree booda sa’aatii 9:00 irraa eegalee Magaalaan Sabbataa fi Magaalaa Faasil waliin goolii 1 qixa xummureera.
Liigicha kilabiin magaalaa Faasiil qabxii 29 yoo dursu, Bunni Ityoophiyaa qabxii 24niin sadarkaa 2ffaarrattin argama.
Kilaboonni naannoo Oromiyaa Jimmaa Abbaa Jifaarii fi Adaamaan qabxii 7 walqixaan walduraa duuban sadarkaa 12ffaa fi 13ffaa irratti argamu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.