Fana: At a Speed of Life!

Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 9ffaa har’a gaggeeffameen Dirree Dawaan yoo injifatu,Hadiyyaa fi Hawaasaan qixa ba’an

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 9ffaa har’a gaggeeffameen Dirree Dawaan yoo injifatu,Hadiyyaa fi Hawaasaan goolii malee qixa ba’aniiru.
Tapha har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Jimmaatti gaggeeffameen Dirree Dawaan Magaalaa Adaamaa goolii 3 fi 0n injifateera.
Taphni waaree booda sa’aatii 9:00 irraa eegalee Hadiyyaa Hoosaa’iinaa fi Magaalaa Hawaasaa gidduutti taphatame goolii malee qixa xumurameera.
Liigicha kilabiin magaalaa Faasiil qabxii 22 yoo dursu, Qidduus Giyoorgis qabxii 16n sadarkaa 2ffaarrattin argama.
Adaamaan qabxii 4 sadarkaa 12ffaa, Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii 3 sadarkaa dhumaarratti argama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.