Fana: At a Speed of Life!

Priimiyar Liigiin Ingilaand guyyoota 100 bood har’a ni eegala

Finfinnee,Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Taphoonni Priimiyar Liigii Ingilaand guyyoota 100n booda galgala har’aa ni eegalamu.
 
Priimiyar liigichi galgala har’aa sa’atti 2:00 irraa eegaluun Tapha Astoon Viillaa fi Sheelfiid Yuunaaytiid gidduutti taphatamuun eegalama.
 
Maanchiisteer Siitii fi Arseenaal ammoo sa’aa 4:15 irra eegaluun waliin morkatu.
 
Taphoonni torbee 30ffaa Jimaataa eegaluun ni taphatamu.
 
Jimaata galgala sa’aatii 4:15 irraa eegaluun taphni Tootanahaamii fi Maanchiisteer Yuunaaytiid gidduutti gaggeeffamuufis tapha tilmaama olaanaa argateedha.
 
Liigicha Liivar Puul qabxii 82 yoo dursu, Maanchiisteer Siitiin qabxii 57 itti aana.
 
Maddi:- Sky Sports
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.