Fana: At a Speed of Life!

Projaktiin Daandii Daayyee- Cirrii-Nansaboo kiiloomeetira 74 sadarkaa koonkiriiti Asfaaltiin hojjatamaa jira

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Projaktiin Daandii Daayyee- Cirrii-Nansaboo kiiloomeetira 74 sadarkaa koonkiriiti Asfaaltiin hojjatamaa jira.
Raawwii projaktichan ammatti hojiin uwwisa koonkiriitii Asfaaltii kiiloomeetira 17 raawwatameera.
Naannoo Oromiyaa fi Sidaamaa kan walitti fidu daandiin kun fulduratti kutaawwan hafan Asfaltii gochuuf ammatti hojiin lafa qopheessuu fi cirracha daakuu hojjatamaa jira.
Projaktiin daandii kun baajata mootummaan ramadame Birrii biiliyoona 1.68n hojjatamaa jira.
Projaktichi yoo xumurame fulduratti daandii guddaa hawaasarran gara Mooyalee deemu daandii Shaashamannerra gara Gobbaatti geessuu waliin wal qunnamsisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.