Fana: At a Speed of Life!

Proojaktiin misooma seeftineetii magaalaa jireenya lammiilee harka qalleeyyi ni jijjiira-Obbo Dammaqaa Mokanniin

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2013 (FBC) – Proojaktiin misooma seeftineetii magaalaa jireenya lammiilee rakkoo keessa jiraatanii jijjiiruu fi gara misoomaatti akka ce’aniif shooraa olaanaa akka qabu itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonniin ibsaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonniin, proojaktii seeftineetii magaaloota har’a magaalaa Daseetti ifoomsaniiru.

Sagantichaan lammmiilee harka qalleeyyii deeggaruun boqonnaa sammuu kan namaa laatuu ta’uu dubbataniiru.

Obbo Dammaqaan yoo wal tumsinee fi wal kabajnee Ityoophiyaa barbannuu fi ittin boonnu uumuu dandeenyas jedhaniiru.

Proojaktiin seeftineetii magaalootaa 2ffaan jireenyaa harka qalleeyyoota akka jijjirruuf hundii ga’eesaa akka ba’aatu waamicha dhiyeesaniiru.

Preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah, mootummaan hiyyuumma hir’isuuf tattiiffi taasisuuf qamooleen dhimmi ilaallatu deeggaruu qabuu jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.