Fana: At a Speed of Life!

Proojaktiin qulqullina marsaa laguu manneen barnootaa qabxii shamarraniirratti fooyya’iinsa agarsiise

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Proojaktiin qulqullina marsaa laguu manneen barnootaa qabxii shamarraniirratti fooyya’iinsa agarsiisaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Harcaatii shamaranii hambsisuuf manneen barnootaa keessatti proojaktoonni qulqullina marsaa laguu erga eegalanii harcaatiin shamarranii xiqqaachaa dhufutu himame.
 
Dhaabbilee deeggartootaa waliin hojii qindoominaan hojjetameen bu’aa jajjabeessan argamu ibsameera.
 
Akka fakkeenyaatti godina Wallagga Bahaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Tokkummaa aanaa Jimmaa Arjootti harcaatiin bara 2008 %9.1 irra ture bara 2012tti % 1.8tti gadi bu’eera jedhame.
 
Barattoonni shamarranii mana barumsa kanaas dhiibbaan sababa marsaa laguun isaanirra ga’aa ture erga proojaktiin kun hojiirra oolee furamuufii himaniiru.
 
Proojaktiin qulqullina marsaa laguu manneen barnootaa kun barattoonni durbaa qabxii fooyya’a akka galmeessaniif gumaachaa olaanaa taasisuu isaa barsisoonnis ragaa ba’aniiru.
 
Mana barumsaa kana keessatti barattoottin shamarrannii sadarkaa 1ffaa – 10ffaa qabachuu isaanii ibsaniiru.
 
Shamarraan marsaa laguu arganiif meeshaaleen qulqullina marsaa laguu bilisaan kan laatamu yoo ta’u, gorsi addaa fi tajaajiloonni garaagaraas ni kennamaaf jedhame.
 
Proojaktii kana caalmaatti babal’isuuf hawaasa barnootaa waliin hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.