Fana: At a Speed of Life!

Proojaktoota kaappitaala invastimantii Doolaara biiliyoona 1.6 ol galmeessisan 163f eeyyamni laatameera

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) -Proojaktoota kaappitaala invastimantii Doolaara biiliyoona 1.6 ol galmeessisan 163f eeyyamni laatameera.
 
Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa akka beeksisetti eeyyamichi kan laatame proojaktoota Ityoophiyaatti bobba’uuf gaafatamaniifi.
 
Walakkaa bara baajataa 2012tti fedhii invastimantii haaraa kan agarsiisan 163f eeyyamni laatameera.
 
Invastaroonni Eesiyaa, Ameerikaa, Awrooppaa fi Emmireetota Arabaa Gamtoomanii dhufan eeyyamicha hedduminaan kan fedhatan keessaa isaan adda dureedha.
 
Eeyyama laatameen cinaatti paarkota indaastirii haaraa ijaarramuuf karoorfaman ilaalchisee abbootii qabeenyaa biyyoota alaa 55 waliin mariin gaggeeffameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.