Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin sagantaa nyaataa manneen barnootaa 500 hammate ifoome

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) – Ministeerri Barnootaa Dhaabbata Dargaarsa Daa’immanii waliin ta’uun Proojektii sagantaa nyaataa manneen barnootaa 500 hammatu ifoomsaniiru.
Proojektii sagantaa nyaataa manneen barnootaa biyya keessaa kanaarraa barattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 63 fayyadamoo ni ta’u jedhame.
Sagantichi naannolee 5 aanaalee 13 keessatti hojiirra oola jedhameera.
Manneen barnootaa idilee duraa fi sadarkaa 1ffaa sagantichaan kan hammataman yoo ta’u, sagantichi waggaa 1f kan turu ta’uu ibsameera.
Proojektichi daa’imman abdii boruu ta’an manneen barnootaa ala akka hin taanee fi sirnan barnoota isaanii akka hordofaniis shoora olaanaa qabaachuu Ministir Deettaan Ministeera Barnootaa obbo Miiliyoon Maatiwoos ibsaniiru.
Ityoophiyaatti daayreektarri olaanaan dhaabbata gargaarsa Daa’immanii Ikkiin Oguutooguulaariin gama isaaniin, proojektiin kun dameewwan dhaabbatichi xiyyeeffannoo itti laachuun hojjetu keessa isa tokko ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.