Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsi Diinagdee Addunyaa dabalaa jiraachuu eerame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Qaala’iinsi Diinagdee Addunyaa dabalaa jiraachuu Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa beeksiise.

Qaala’iinsi Diinagdee Addunyaa caalmaatti dabalaa jiraachuu Hojii Raawwachiiftuun Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Kiriistaaliinaa Joorjiiyevaan Fooramii Misoomaa Chaayinaa Magaalaa Beejingitti gaggeeffamaa jirurratti ibsaniiru.

Weerarri Koroonaa fi Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen qaala’iinsa Diingadee Addunyaa yeroo ammaa mudateef ka’umsa olaanaa ta’uu fooramicharratti eerameera.

Kana hordofee Guddinni Diinagdee Addunyaa bara kanaa % 3 gadi galmaa’uu akka danda’u ibsameera.

Guddina kana dura bara baraan galmaa’aa tureen wayita madaallamu isa gadi aanaa ta’uu Kiriistaaliinaa Joorjiiyevaan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.