Fana: At a Speed of Life!

Qaala’insa gatii tasgabbeessuuf taaksiin shaqaxaaleerraa walitti qabamuuf ture Birriin biiliyoonni 30 akka hafu taasifame-Ministeera Maallaqaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC)- Qaala’insa gatii tasgabbeessuuf taaksiin shaqaxaaleerraa walitti qabamuuf ture Birriin biiliyoonni 30 akka hafu taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Ministeerri Maallaqaa fi Dhaabbileen itti waamamoon raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii gamaaggamaniiru.

Mootummaan qaala’insa gatii tasgabbeessuuf shaqaxaaleen nyaataa sharafa alaa malee akka galan taasiseera.

Kanaanis mootummaan taaksii fi qaraxa shaqaxaalee nyaataarraa kaasuun galiin Birrii biiliyoonni 30 ol osoo walitti hin qabamiin hafuu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Gatii qamadii tasgabbeesuuf tattaaffii taasifameen baatiwwan salgan darbanitti qamadiin toonii kumni dhibbi 3 fi kumni 20 gara biyyaa akka galu kan taasifame yoo ta’u, zayita nyaataa ilaalchisee gabicha tasgabbeessuuf waliigalteen bittaa zayita raawwatamuu ibsameera.

Mootummaan Federaalaa hanqina baajata hir’isuu fi liqaan biyya keessaa akka hin daballe taasisuuf tarkaanfiiwwan fudhateen baajata idileerraa baasiin Birrii biiliyoona 5 kan taasifamee yoo ta’u, proojektoonni kaappitaalaa haaraan Birrii biiliyoona 26 baasan gara bara baajata dhufuutti akka dabarfaman taasifamuu gabaasichaan beekuun danda’ameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.