Fana: At a Speed of Life!

Qaamni walabaa filannoo taajjabu kamiiyyuu birmadummaa biyyattiif dursa laachuu qaba – Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC) – Qaama walabaa idil addunyaas ta’e biyyaalessaa filannoo taajjabu kamiiyyuu birmadummaa biyyattiif dursa laachuu akka qabu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa ibseera.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa dhimmicha ilaalchisuun ibsa laateen taajjabdoonni filannoo heera mootummaa biyyattii tilmaama keessa galchuu akka qaban ibseera.
Gamtaan Awurooppaa Filannoo Ityoophiyaa ilaalchisee ejjennoo amma qabate irra deebiin ilaaluu akka qabu walitti qabduun Mana marichaa Dooktar Raaheel Baafeen ibsaniiru.
Rakkoo mootummaa Ityoophiyaa muudatee fi seeroota taajjabdoota filannoo hubachuun ejjennoo qabate irra deebiin ilaaluu akka qabu ibsichi eereera.
Mootummaan haala birmadummaa Ityoophiyaa hin faallessineen taajjabdoota waliin mari’achuuf haala mijataa uumuu akka qabu ibsichi kaaseera.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan haqa qabeessa, Diimookiraatawaa fi bilisa akka ta’uuf qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu manni marichaa waamicha dhiyeesseera.
Gamtaan Awurooppaa mirga filannoo Ityoophiyaa taajjabuu dhiisuu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaan kan kabaju ta’uu ibsa laateen eereera.
Gamtichi filannoo sobaa Ityoophiyaatti kana dura gaggeeffamaa turan taajjabaa turee bara kana sababa taajjabdummaa keessaa of baasuuf murteesse ummata Ityoophiyaaf beeksiisuu akka qabu manni marichaa gaafateera.
Awwal Abarraatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.