Fana: At a Speed of Life!

Qaamolee faayidaa dhuunfaaf jecha hannaa fi saamicha raawwachuun nageenyaa fi tasgabbii biyyaa booreessaan ummanni akka saaxilu wamaichi dhiyaate

Finfinnee, Hagayya 25, 2013 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamolee faayidaa dhuunfaaf jecha hannaa fi saamicha raawwachuun nageenyaa fi tasgabbii biyyaa booreessaan ummanni akka saaxilu waamicha dhiyeesseera
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa haala yerooo ilaalchisee ibsa laateera.
 
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiitiin dhiyaateera.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa karoora imala badhaadhinaa waggaa kudhanii qopheessee hojiirra oolchuudhaan waggaa tokko xumuree waggaa lammaffaan jalqabameera.
 
Raawwiin karoora galmoota jiruufi jireenya nama dhuunfaa geeddaruurraa hanga badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuutti qabu kanaa, kurmaana hundarratti gamaaggamamaafi xumura waggaarrattis madaalamaa jira.
 
Raawwii hojii bara karooraa 2013 keessatti pirojeektonni bu’uuraalee misoomaa gurguddoon baroottan lakkoofsisaniifi kahumsa gaaffii bulchiinsa gaarii ta’an xumuramuudhaan madda gammachuu ummataa ta’aniiru.
 
Ijaarsi dhaabbilee hawaasummaa bara baajataa kana keessatti eegalamanii ji’oottan torbaa hanga sagalii keessatti raawwataman ammoo muuxannoo addaa pirojeektii bara tokkotti calqabamanii xumuruu ta’anii galma’aniiru.
 
Gama biraatiin ammoo, riifoormii dhaabbilee mootummaafi sirna kenniinsa tajaajilaarratti hojjetameen gahumsaafi dandeettiin raawwachiisummaa caasaafi humna namaa dabalaa jira.
 
Hojii ijaarsa dandeettii hoggansaa fi paablik sarvaantii mootummaa yeroo waggaa tokkoo keessatti raawwatameen danqaawwan raawwii adda baasuudhaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhataa deemuuf carraawwan gargaaran uumamaniiru.
 
Raawwii hojii mootummaa keessatti ciminootaafi hanqinoota adda baasuu qofa osoo hin taane, madda isaanii waliin agarsiisuufi miidhaa isaan geessisan xiinxaluudhaan kallattii sirreeffamaa akeekuun eegalameera.
 
Haaluma kanaan, xiinxala kahumsaa karoora bara 2014 keessatti rakkoon bulchiinsa gaarii sababa kenna tajaajilaatiin uumamaa jiru ammas danqaa hojii mootummaa ta’ee kan itti fufeefi tarkaanfii addaa fudhachuu kan barbaadu ta’uun akeekameera.
 
Hoggansaafi raawwataan paablik sarvisii caasaa mootummaa sadarkaa hundatti argamuu, ergama mana hojiifi gahee dhuunfaan bahachuu qabu adda baafachuun raawwachuutu irraa eegama.
Haata’u malee, hoggantoonniifi raawwattoonni ergama mana hojiifi gahee isaan irraa eegamuuf hin amanamne, harka fuudhiin tajaajila kennuu, hannaafi saamicha keessatti qooda fudhachuu, walitti hidhamiinsa hin malle uumuudhaan maxxanaa ta’anii qaxxaamuraan tajaajilamuu keessaa hin baane.
 
Lakkoofsi namoota tajaajila mootummaa faayidaa dhuunfaatiif oolfachaafi ummata iraarsaa jiran kanaa fuula duratti adda bahee kan ibsamu ta’ee, ammas seekteroota mootummaa tajaajila ummataa kennan keessatti rakkoon kenniinsa tajaajilaa hin tuffatamne kan jiru ta’uu mootummaan mirkaneeffateera.
 
Kanaafis, seekteroota mootummaa hojii guyyaa guyyaa keessatti ummataaf tajaajila kennan giddugaleessa godhachuudhaan qorannoon adeemsifamaa jira.
 
Qorannoon tajaajilamtootaa fi raawwattoota mootummaa hirmaachisee gaggeeffamaa jiru kun kallattii tarkaanfiin sirreeffamaa itti fudhatamu kan agarsiisu akka ta’etu abdatama.
Mootummaan naannoo Oromiyaa bu’aa qorannichaarratti hundaa’uudhaan tarkaanfii addaa fudhachuufi ummata gidiraa walitti hidhamiinsa caasaa shororkeessitootaafi hattoota ofittummaan machaa’aniitiin iraarfamaa jiru boqochiisuuf hojjechaa jira.
 
Carraa kanaan, ‘tajaajilamtoonni waa hiixadheen dhimmakoo ariitiin xumuradha’ jechuun caasaa mootummaa hannaafi saamichaaf afeertan ammumarraa eegaltanii akka of sirreessitan waamicha dabarsina.
 
Ummanni bal’aan sirna haqaan isin tajaajilu ijaarrachuuf kallattii hundaan tumsaa jirtan ammoo qaamolee faayidaa dhuunfaaf jecha hannaa fi saamicha keessatti qooda fudhataniifi nageenyaafi tasgabbii naannoofi biyyaa booressaa oolan akka saaxiltan cimsinee dhaamna.
 
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
 
Hagayya 2013
 
FinfinneeFeesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.