Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen addaddaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf gumaacha gochaa jiru

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Qaamoleen addaddaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf gumaacha gochaa jiru.
 
Abbootiin qabeenyaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf Birrii 41,606,202 gumaachaniiru.
 
Gumaachichas preezdaantiin mootummaa nananoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi bakka buutonni abbootii qabeenyaa walharkaa fuudhaniiru.
 
Hojii tola ooltummaa namoota miiliyoona 6 ol hirmaachiseen deeggarsi Birrii miiliyoona 46 olii, akkasumsas deeggarsi meeshaa Birrii miiliyoona 38 olitti tilmaamamus walitti qabamuu Koreen Tajaajila Lammummaa Oromiyaa beeksiseera.
 
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee meeshaalee of ittisaa ogeeyyi fayyaatif ooluu fi meeshaalee qulqullinaaf oolan naannoo Oromiyaaf laate.
 
Meeshaaleen deeggarsaan laataman kanneen Birrii miiliyoona 15 kan baasan ta’uun ibsameera.
 
Deeggarsichas bakka bu’aan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti hogganaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaan walharkaa fuudhaniiru.
 
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi naannoo Kibbaaf tokkoon tokkoon isaanitiif deeggarsa meeshaalee ittisa vaayrasii koroonaa Birrii miiliyoona 15 laachuuf waadaa galuun isaa ni yaadatama.
 
Magaalaa Bishooftuutti hoteelli argamu; Hoteelli Toomii Intarnaashinaal kutaalee ciisichaa siree 42 qabu tursa addaatif gumaachhera.
 
Obbo Malaakuu Ababaawu ammoo Hoteela ‘NOC’ kan siree 16 qabu hojii walfakkaataaf gumaachaniiru.
 
Biiroon Qonnaa Oromiyaa lammiilee naannoo Somaalee irraa buqqaafamanii magaalaa Duukam jiraachaa jiraniif deeggarsa meeshaalee qulqullinaa Birrii kuma 200tti tilmaamamu laatera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.