Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen hokkoraa fi Jeequmsa uumuuf hiriira yaaman gochaa seeraan alaarraa of qusachuu qabu – Humna Waloo Nageenyaa

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) – Humni Waloo Nageenyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Humni Waloo Nageenyaa taatee tibbana adeemsaa mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa (Tawaahidoo)gidduutti mudate gamaaggameera.

Rakkoon uumame marii qofaan akka furamu amantaa qabaachuu ibseera.

Garaagarteen uumame karaa nagaa qofaan akka furamu hawaasni bal’aan qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan akka hojjetan gaafateera.

Hiriirri nagaa eeyyamame waan hin jirreef qaamoleen walitti bu’iinsii fi hokkora uumuuf hiriira yaaman gochaa seeraan alaa kanarraa akka of qusatan humni Waloo Nageenyaa hubachiiseera.

Qaamoleen amantaa daheeffachuun ergama dhokataa isaanii milkeessuuf socho’an gochicharraa akka of qusatan hubachiiseera.

Ummaanni Ityoophiyaa marti, hordoftoonni amantichaa nageenyaa fi tasgabbii biyyattiif waardiyyaa ta’uu akka qaban humni waloo kun waamicha dhiyeesseera.

Qaamolee karaa seeraan alaa hiriira gaggeessuuf socho’an, hiriiricha gurmeessuu fi qindeessuuf yaalan kamiiyyuurratti miidhaa qaqqabuu danda’uuf Humni Waloo Nageenyaa kan itti hin gaafatamne ta’uu ibseera.

Nageenyaa fi tasgabbii lammiilee fi biyyaa tiksuuf jecha humni walichaa tarkaanfii barbaachisaa ta’e hunda kan fudhatu ta’uu akeekkachiiseera.

Humni walichaa abbootii amantaa fi hordoftoota mana amantichaaf eegumsa taasiisu cimsee kan itti fufu ta’uu himeera.

Qaamoleen kaleessa nuti yoo eeyyamne malee Piroojektoota gurguddoo ijaaruu hin dandeechan jechaa turan diinnoonni seenaa har’a dhimma keenya keessa galuun waldhabdeen uumame akka babal’atu dhama’aa jiraachuu eereera.

Qaamolee alaa kunneen ulaa uumame kanatti fayyaddamuun dhimmichi akka daraan babal’atuuf socho’aa jiraachuu ragaaleen kan mul’isu ta’uu himeera.

Diinoonni seenaa fi farreen nageenyaa biyya keessaa rogeeyyiin miidiyaa hawaasummaa, qaamoleen dhuunfaa fi paartilee siyaasaa karaa qaxxaamuraan aangoo argachuuf sochii taasiisaa jiran jiraachuu hawaasni bal’aan hubachuun qaamolee nageenyaa waliin akka dhaabbatan yaadachiiseera.

Wayita Yaa’iin Hoggantootaa Gamtaa Afrikaa gaggeeffamuuf qophiin xumuramaa jirutti magaalaa Finfinneetti sodaan nageenyaa akka jiru fakkeessuun itti yaadamee yaa’ichi akka gufatu hojjetamaa jiraachuu Humni Waloo Nageenyaa bira ga’uu eereera.

Oppireeshiinii gaggeeffameen erga sochiin kun eegalamee daddabarsi meeshaalee waraanaa seeraan bal’inaan jiraachuu himeera.

Hedduunis to’annoo jala ooluu himeera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.