Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen seera kabachiisan wayita filannoo mirga namoomaa akka kabajan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC) – Qaamoleen Seera kabachiisan wayita filannoo mirga namoomaa kabajuun akka socho’an Komishiniin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa waamicha dhiyeesse.
Komishinichi wayita adeemsa filannoo eeggumsa mirga namoomaa ilaachisee qaamolee seera kabachiisan waliin marii taasiiseera.
Filannoo duraa, wayita filannoo fi booda sarbamni mirga namoomaa akka hin raawwatamne qaamoleen seeraa kabachiisan itti gaafatamummaa isaanii haalan ba’uu akka qaban gaafateera.
Yaada ofii bilisaan ibsachuu, mirga socho’uu, walitti qabamuu, hiriira nagaa gaggeessuu dabalatee wayita filannoo dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti qaamolee seera kabachiisan waliin mariin taasiifameera.
Dhaabbileen seera kabachiisanis hojii isaanii haala mirga namoomaa eegeen raawwachuuf murannoo qaban ibsuu isaanii ragaan Komishinii Mirga Namoomaarraa argame ni muul’isa.
Qaamoleen nageenyaa bifa walaba ta’een hojii isaanii akka raawwatan, mirga lammiilee akka kabajanii fi kabachiisan hubachiiseera.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.