Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyi hundeessaa Feesbuukii Maark Zaakarbarg Doolaara biiliyoona 100 ga’e

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) –Qabeenyi hundeessaa Feesbuukii Maark Zaakarbarg Doolaara biiliyoona 100 ga’e.
 
Qabeenyi dhuunfaa hundeessaa Feesbuukii Maark Zaakarbargi erga sagantaa viidiyoo gabaabaa qopheessuun haaraan itti dabalamee as gara Doolaara biiliyoona 100tti guddateera.
 
Maark qabeenya isaa kanaan gartuu addaa ‘Kilabii Sentibiliyeena’ jedhamuun beekamu kan akka hundeessa Amaazoon Jeef Beezos fi Maaykiroosooftii Biil Geetis of keessa qabutti makameera.
 
Dhaabbileen akka Feesbuuki, Amaazoon , Appiil fi Guugil sababa weerara vaayrasii koroonaan sochii ugguramuu irraa bu’aa argataniiru.
 
Sababa dhorkama kanaan namoonni hedduun tajaajila adda addaa interneeta fayyadamuu eegalaniiru.
 
Akka gabaasa Bloombergitti waggaa kana qabeenyi dhuunfaa Maark Doolaara biiliyoona 22 yoo dabalu, kan Jeef ammoo Doolara biiliyoona 75’n dabaleera.
Maddi:- BBC
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.