Fana: At a Speed of Life!

Qabiinsi mirga namoomaa labsii yeroo ariifachiisaarratti mari’atame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2012 (FBC) – Qabiinsi mirga namoomaa labsii yeroo ariifachiisaa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e gamaaggamame.
 
Gamaaggamicharratti koreen ministirootaa, miseensonni boordii qorannaa paarlaamaa, hoggansi Koomiishinii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa hirmaataniiru.
 
Waltajjicha kan hogganan itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan biyya dhibee kana keessaa ceesisuuf tumsi qooda fudhattoota hundaa fi lammiilee murteessadha jedhan.
 
Qabiinsa mirga namoomaarratti jalqabbii gaariin jiraachuun eeramee, seera tumuurratti qaawwa jiru sirreessuun, hanqinoota qabatamaadhan muul’atan fooyyessuudhan tamsa’inicha qolachuun ni barbaachisa jedhmeera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.