Fana: At a Speed of Life!

Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoome

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoomeera.
Haaluma kanaan Saayinsii Uumaamaan dhiiraaf 380, dubartoota 368 yoo ta’u, Saayinsii Hawaasaan dhiiraaf 370, dubartoota 358 fi isaa ol ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo beeksiseera.
Naannoo Tigraayii fi Matakkalitti ammoo Saayinsii Uumaamaan dhiiraaf 358, Dubartootaaf 350 yoo ta’u, Saayinsii Hawaasummaan dhiiraaf 348 fi dubartootaaf 340 ta’uu himameera.
Qaama miidhamtootaaf Saayinsii Uumamanaan dhiiraaf 350, dubartootaaf 345, Naannolee horsiisee bulaaf 358 ta’uu Ministirri Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo Saamu’eel Urqattoon ibsaniiru.
Naannolee guddattootaa fi Horsiisee bulaaf Saayinsii Hawaasaan dhiiraaf 358, dubartootaaf 348, qaama miidhamtootaaf dhiiraaf 340, dubartootaaf 335 ta’uu himaniiru.

Waligala barattoonni kumi dhibbi1 fi kumni 47 fi 640,Yuunvarsiitiiwwan mootummaa 46tti ramaddii ni argatu jedhameera.

Muhaammad Alii fi Mattaagas Ayyalinyitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.