Fana: At a Speed of Life!

Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa hojiilee eegalaman cimsuuf dhimmoota gufaa ta’an maksuuf ajeja dabarse

Finfinnee, Sadaasa 16, 2014 (FBC) – Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa labsicha raawwachiisuuf dhimmoota gufuu ta’an furuuf ibsa galgala kana baaseen ajeja dabarseera.

Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa dhimmoota waqtaawaa labsicha ilaallatan walga’ii galgala kana gaggeesseen gamaaggameera.

Labsichi kaayyoo ba’eefin yoo madaallame haala gaariin raawwatamaa jiraachuu qajeelchichi mirkaneesseera.

Qajeelchichi hojii eegalaman cimsuuf dhimmoota gufaa ta’an maksuuf qabxiilee 4 irratti ajeja dabarseera.

1.Haalaa fi iddoo kamiiyyuttuu uffata seeraa Raayyaa Ittisaa, Poolisii Federaalaa, humnoota addaa, Poolisiii idilee qaamni miseensa qaamalee nageenyaa hin taane uffatee argamuun dhorkaadha.
Nama waraqaa eenyummaa qaamolee nageenyaa osoo qabatin Yuunifoormii qaamolee kanneenii uffatee argamerratti tarkaanfiin akka fudhatamu ajeja dabarseera.

2.Qaama Qajeelchichi aangoo laatefiin ala sosochii waraanaa fi bu’aa oolmaa dirree waraanaa miidiyaalee kamiifiyyuu laachuu fi tamsaasuun dhorkaa ta’uu eereera.

Bobbii fi ergama hoggantoota Siiviilii fi waraanaa addichatti argamaniif laatameen ala Sosochii waraanaa fi bu’aa oolmaa dirree waraanaa ilaalchisee ibsa laachuun dhorkaa ta’uu hubachiiseera. Qaamoleen nageenyas qaama ajeja kana darbee argamerratti tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan qajeelchich ajeja dabarseera.

3.Mootummaan birmaddummaa biyyaa baraaruuf tarkaanfii waqtaawaa fi seeraa fudhataa wayita jirutti, carraa kana fayyadamuun adeemsa heera mootummaan ala mootummaa ce’umsaa yooka qajeeltoo heera mootummaan ala mootummaan akka hundaa’u qaamolee sosochii taasiisanirratti tarkaanfiin barbaachisu akka fudhatamu ajeja dabarseera.

4.Miidiyaa adda addaa fayyadamuun garee shororkeessitootaa kallattii fi al kallattiin deeggaruun duula birmadummaa gaggeeffama jirutti qaamoleen gufuu ta’an gochicharraa akka of qusatan Qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa akeekkachiiseera.
Kanneen akeekkachiisa kana darbanii fi gochicharraa of hin qusannerratti qaamoleen nageenyaa tarkaanfii barbaachisaa ta’e akka fudhatan ajeera.

Qajeelcha Labsii yeroo ariifachiisaa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.