Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfama raawwii filannoo irratti qooda fudhattoota waliin mari’atame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Ityoophiyaa qajeelfama raawwii filannoo irratti qooda fudhattoota waliin mari’ate.

Boordichi qooda fudhattoota waliin wixinee qajeelfama haala gabaasa filannoo, namuusaa fi hojimaata miidiyaalee fi gaazexeessitootaa irrati marii gaggeessera.

Akkasumas lammummaa fi kenniinsa eeyyama barnoota filattootaa irrattis mari’atameera.

Marii guyyaa har’aa gaggeeffamaa jiru kana irratti ogeeyyiin miidiyaalee garagaraa irraa walitti babba’an hirmaataniiru.

Qajeelfamni kun sadarkaa wixineetti erga qophaa’en booda yaada ka’u galtee taasiisuuf mariif kan dhiyaate ta’uu boordichi beeksisee jira.

Waltajjichaan miidiyaaleen dhimmoota filannoo biyyoolessaa gabaasuurratti dirqama isaanii akka ba’atan dhaamameera.

Naamusa miidiyaalee cinaatti, nagaa fi tasgabbii giddugaleessa taasifatanii gabaasuun murteessaa ta’uun eerameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.