Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamni qormaata ba’iinsaa barnoota olaanoo ragga’e

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Qormaata ba’insaa barnoota olaanoo biyyaalessaa hogganuu fi bulchuuf qajeelfamni qophaa’e ragga’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministeerichi akka beeksisetti qajeelfamichi, madaalliiwwan ga’umsa barnootaa gadaanaa, dambiiwwan naamusaa ogummaa fi hojmaataa dhaabbileen hordofuu qaban kan of keessatti hammate ta’uun eerameera.

Biyyattiin humna nama baratee barbaadamuu horachuu fi qulqullina barnootaa eegsisuuf tooftaalee hordofamuu qaban kan akeeku ta’uun ibsameera.

Qophi qajeelfamicha keessatti hayyoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo sirna barnootaa fi qophii qormaataarratti muuxannoo qaban, bakka bu’oonni waldaalee ogummaa fi qaamoleen qooda fudhattotaa biroon hirmaataniiru jedhame.

Qajeelfamni qormaata ba’iinsaa kunis Ministeera Haqaan ragga’ee fi galmaa’ee hojiirraa oolmaaf ifoomeera.

Qajeelfamni ragga’e bara barnootaa dhufu irraa eegalee akka hojiirra ooluuf dhaabbilee barnoota olaanoo hundaaf ergamuu ragaan Ministeera Barnootaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.