Fana: At a Speed of Life!

Qarqara Senegaalitti godaantota 140 ol bishaan nyaate – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2013 (FBC) – Qarqara Senegaalitti godaantota 140 ol bishaan nyaate – Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii

Bidiruun namoota 200 tti dhiyaatan fe’attee gara Awurooppaatti imalarra turte qarqara Senegaalitti erga bishaanitti dhidhimtee booda, namoota140 bishaan akka nyaate Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mirkaneesse.

Bidiruu Sambata duraa dhidhimte kun akkuma magaalaa Mibohur jedhamu baateen yeroo yartuu keessatti ibiddi erga itti qabatee kan dhidhimte akka ta’e Dhaabbanni dhimma Godaansaa Addunyaa (IOM) himeera.

Akka gabaasichi ibsutti, namoota 60 lubbuusaanii baraaruun danda’ameera.

Godaantonni kun karaa Odala Kanarii, Ispeen irraan gara Awurooppaatti ce’uuf yaalaa turan.
Bara Faranjootaa 2018 irraa eegale godaantonni Lixaa Afrikaa ka’umsa godhachuun iddoo imala irraa jalqaban taasifataa dhufaniru.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii akka himetti, balaan Sambata darbe qaqqabe kun, balaa barana lubbuu namoota hedduu galaafate isaa guddaa ta’u ibse.

Senegaalitti bakka bu’aan Dhaabbata dhimma Godaansaa Addunyaa Bakarii Dombiyaa, mootummoonni fi hawaaasni idila addunyaa walta’iinsaan neeetworkii daddabarsa namootaa dargaggoota abdii kutaniitti fayyadamanii diiguu qabu jechuun waamicha dhiyeesse.

Akka mootummaan Ispeen jedhutti, barana baqattoota 11,000 ol ta’anitu odola Kanarii qaqqabe. Bara darbe yeroo wal fakkaatutti namoota 2,557 qofaatu odola kana qaqqabe.

Lakkoofsi baqattootaa olaanaan odola kana qaqqaban kan galmaa’e garuu bara Faranjootaa 2006 ture. Akka Dhaabbanni mootummoota Gamtoomanii jedhutti, namoota 35,000 ta’anitu Odola kana qaqqabanii turan.

Imalarratti namoonni 414 bara kanatti du’uusaanii IOM himuun, bara Faranjootaa 2019 keessaallee lubbuun namoota 210 darbuun yaadachiseera.

maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.