Fana: At a Speed of Life!

Qondaaltonni waraanaa olaanoo 18 to’annaa jala oolan

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC)- Hidhattoota garee Juuntaa waliin waraanaa fi waraansisaa kan turan qondaaltonni waraanaa olaanoo 18 to’annaa jala oolaniiru.
Humnoota garee badii waliin osoo beekaanii fi hin beekiin kan hiriiran karaa nagaatiin harka isaanii mootummaaf akka laatan irra deebiin waamichi taasifameera
Daayrektarri olaanaa Indooktirineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraala Mahaammad Tasammaa akka ibsanitti, qondaaltonni waraanaa olaanoo 18 to’annaa to’anna jala kan oolaan rayyaa ittisaa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa Federaalaa sakattoo waloon taasisaaniin ta’uu himaniiru.
Qondaaltota waraanaa olaanoo to’annaa jala oolan keessaa 9 Koloneelota, 7 Leetenaal Koloneelota 2 ammoo Komaanderoota akka ta’an ibsaniiru.
Hojiin yakkamoota kanneen barbaaduu cimee akka itti fufus Meejer Janaraal Mahammaad Tasammaan himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.