Fana: At a Speed of Life!

Qonna ammayyaa magaalaa babal’isuuf kuduraa fi Muddirri lafa dhiphaarratti hojjetaman murteessadha – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Amajjii 8, 2013 (FBC) – Qonna ammayyaa magaalaa babal’isuuf kuduraa fi Muddirri lafa dhiphaarratti hojjetaman murteessaa ta’uu itti aantuu Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.

Aadde Adaanach guyyaa har’a Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Getaahuun Makuriyaa waliin ejeensii Sadarkaalee Ityoophiyaatiin kan hojjatame agarsiisa qonna magaalaa bifa ammayyaatiin adeemsifaman daawwachuu isaanii eeraniiru.

Lafa dhiphaa irratti kan hojjataman iddoon oomisha kuduraa fi muduraa gabaa tasgabbeessuu fi qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf shoora guddaa qabaachuu dubbataniiru.

Qonna magaalaa bifa ammayyaatiin adeemsifaman babal’isuuf hojii hojjatamuuf muuxannoo gaariitti kan ta’an ta’uu hubachuu isaanii Fuula Feesbuukii isaaniin barreessaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.