Fana: At a Speed of Life!

Qonna ammayyeessuun wabii nyaataa keenya mirkaneessuuf qofa osoo hin taane badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuudha- Obbo Usmaan Surur

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Qonna ammayyeessuun wabii nyaataa keenya mirkaneessuuf qofa osoo hin taane badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuudha  jedhan sadarkaa  Ittaanaa Preezdaantiitti qindeessaan kilaastara misooma baadiyyaa fi hogganaan Biiroo Qonnaan naannoo uummattoota kibbaa Obbo Usmaan Surur.

Waltajjiin sosochii misooma qabeenya beelladaa fi qurxummii naannoo Uummattoota Kibbaa magaalaa Arbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.

Naannichatti hojii misooma beelladaa fi qurxummii ammayyeessuun fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Naannichi misooma qabeenya beelladaa fi qurxummiif mijataa ta’uusaatiin qonnaan bultoonnii fi horsiise bultoonni miiliyoonatti lakkaa’aman damicharraa fayyadamoo ta’uu Obbo Usmaan eeraniiru.

Mootummaan damee qonnaa ammayyeessuuf tattaaffii bal’aa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Kaayyoon waltajjii kanaas hojiimaatilee fooyya’an fayyadamuunii fi qonna gara daldalaatti jijjiiruun jiruu fi jireenya uummatichaa jijjiiruu akka ta’e ibsaniiru.

Hoggansi naannichaa rakkoolee damicha mudatan furuun jijjiirama fooyya’aaf akka tattaafataniif hubannoo uumuun barbaachisaa ta’uu kaasuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.