Fana: At a Speed of Life!

Qonna Ityoophiyaa meekaanaayizdii gochuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Ministeerri Qonnaa FDRI, Eejansiin Tiraanisfoormeeshinii Ityoophiyaa fi Iityoo Liiz qonna Ityoophiyaa meekaanaayizdii gochuuf waliigaltee mallatteessan.

Dhaabbanni Ameerikaa Ityoo Liiz; Ityoophiyaatti meeshaalee qonnaa fi teeknooloojii liiziin dhiyeessuuf Birrii biiliyoona walakkaa ramaduu beeksiseera.

Dhaabbatichi guyyaa har’aa Ministeera Qonnaa fi Ityoophiyaatti Eejansii Qonnaa fi Tiraanisfoormeeshinii waliin waliigaltee mallatteessera.

Ministir deettaan Ministeera Qonnaa FDRI obbo Saanii Radii akka ibsanitti yeroo ammaa kana lafa biyya keenyaa misoomuu danda’u keessaa teeknooloojii ammayyaa’aan deeggaramuun misoomaa kan jiru %10 qofa jedhan.

Kana fooyyessuuf ammoo wayita kana dhaabbileen alaa meeshaalee qonnaa ammayya’oo liiziin akka dhiyeessan carraan mijateera jedhaniiru.

Dhaabbanni Ityoo Liiz hojii kanaaf kan oolu Birrii miiliyoona 400 ramadeera jedhe.

Waggoota sadan dhufan keessatti hanga Doolaara miiliyoona 100 fi miiliyoona 50 baasii gochuuf karoora akka qabus himeera.

Hanga ammaatti tiraaktaroota 9 qonnan bultootaaf yoo laatu, tiraaktarootni 48 fi janereetarootni gurguddoon ammoo geejibsiifamaa jiru jedheera

Meeshaaleen kun gama dargaggoota gurmaa’anii fi giddugala hojii gamtaan kan raabsaman yoo ta’u, qonnaan bultoonni qabeenya dhaabbii otuu hin qabsiisin meshaalee kana liiziin fudhachuun oomishtummaa guddisuu akka danda’an ibsameera.

Guyyaa har’aa naannoo Oromiyaarraa Siikkoo Maandoon meeshaalee gatii Birri miiliyoona 30, naannoo Tigraayirraa ammoo Agrikaalchariin Meekaanaayizdii Hiywoot meeshaaleen Birrii miiliyoona 20 akka dhufuuf dhaabbaticha waliin waliigaltee raawwataniiru.

Eejansiin Tiraanisfoormeeshinii Ityoophiyaa rakkoo damee qonnaa hiikuuf aanaaleen 300 qonna daangaa walootti akka fayyadaman taasisuu beeksiseera.

Dhaabbilee ammayyaa 10 tajaajila meekaanaayzeeshinii laatan Birrii miiliyoona 9.1 ijaaruu beeksiseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.