Fana: At a Speed of Life!

Qonnarratti yoo hin hojjenne Indaastiriin galma gahuu hin danda’u – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 30, 2014 (FBC) – Qonnarratti yoo hin hojjenne Indaastiriin galma gahuu hin danda’u jedhan, Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Sagantaan Paarkii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa beeksisuu magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaay laayitiitti gaggeeffameera.

Oomishaalee al ergii Ityoophiyaa keessaa % 85 bu’aalee Oomisha Qonnaa ta’uu Pireezidaant Shimallis dubbataniiru.

Qonna irratti yoo hin hojjenne Indaastiriin galma ga’uu akka hin dandeenye ibsan.

Diinagdee naannichaas ta’e biyyattii guddisuuf oomisha qonnaa ammayyeessuu fi paarkiiwwan indaastirii babal’isuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu Pireezidaanti Shimallis eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa carraa gaarii fi haala mijataa uumametti fayyadamuun ofiisaaniis ta’e biyyattii jijjiiruuf cimanii hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Paarkiin Qonna Qindaa’aa Agroo Indaastirii Bulbulaa abbootii qabeenyaa 150 ol simachuudhaan namoota kuma dhibba 1 oliif carraa hojii kan uumu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.