Fana: At a Speed of Life!

Qonni hanga hin ceeneetti ce’umsi gara indastirii bu’aa qabeessa hin ta’u- Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2014(FBC) – Qonni hanga hin ceeneetti ce’umsi gara indastirii bu’aa qabeessa hin ta’u Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeesaaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Dooktar Girmaa Amantee himaniiru.

Guyyaa kaleessa kan jalqabe daawwannan oyiruu qonnaan bulaa ministiroota haaraa muudamaniin geggeeffamaa jiru itti fufeera.

Har’as Godin Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti saayitii baay’isa sanyii filatamaa qonna Seeroftaa daawwataniiru.

Akka Naannoo Oromiyaatti ce’umsa qonnaa mirkaneesuuf dameewwan  sagalarraatti xiyyeeffachuun hojjetamaa jiraachuu Dooktar Girmaa Amantee himaniiru.

Haaluma kanaan teeknooloojiiwwan garagaraa hojiirra oolchuun qonna ceesisuurratti xiyyeffatamuu dubbataniiru.

Hanga qonni hinceentti indaastiriitti ce’uun bu’a qabeessa waan hintaaneef qonnarratti xiyyeeffatamu kaasaniiru.

Daawwannaa kanaan kilaastara garbuu biiraa, manni barnootaa ifa boruu ijaaramaa jirus daawwatameera.

Dabalaa Taaddasaafi Qonjiit Zawudeetu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.