Fana: At a Speed of Life!

Qophii yeroo tasaa vaayrasii koroonaaf koreen biyyoolessaa maallaqaa fi dhiyeessiiwwan biroo walitti qabu hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 16, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad qophii yeroo tasaa vaayrasii koroonaaf koreen biyyoolessaa maallaqaa fi dhiyeessiiwwan biroo walitti qabu hundaa’uusaa beeksisan.

Mootummaan baajata olaanaa ramadee, yeroo dhimmoonni rakkisoon mudatanitti dandamachuuf galteewwan walitti qabuu jalqabeera jedhan.

Yaata’uutii hojiin akkanaa tumsa lammii hundaa gaafata jedhan.

Yeroo rakkinaa keessa darbuuf tumsaa fi qindoominaan hojjechuu qabna jedhan.

Miseensonni korichaa mindaa baatii tokkoo gumaachuu isaaniis ibsaniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.