Fana: At a Speed of Life!

Qophiin agarsiisa waggaa bilbiloota ammayyaa’oo sababa sodaa vaayraasi koroonaan haqame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2012 (FBC) – Qophiin agarsiisa waggaa bilbiloota ammayyaa’oo sababa sodaa vaayrasi koroonaan haqameera.

Speen Baarseelootti waggaa waggaan kan adeemsifamuu fi qophiin agarsiisa bilbiloota ammayyaa’oo ‘world congress’ bilbiloota sababa sodaa vaayrasi koroonaan haqamuusaa qopheessitoonni himaniiru.

Qophicharratti namoonni kumni 100 irratti kan hirmaata yoo ta’u, kanneen keessa namoonni kuma 6 ta’an Chaayinaarra ni dhaquu jedhameera.

Dhaabbilee hedduun kalaqa garaagaraa qabachuun kan irratti hirmatan yoo ta’u, Speen sagantichaan fayyadamtuu ta’un ishee ni himama.

Feesbuukiin, LG, Nookiyaa fi Soonii dabalatee dhaabbilee idil addunyaa biroon qophicharratti hirmaachuuf fedhii dhabuunsaaniis himameera.

Dhaabbileen wayita amma hojjeettota isa iddichatti erguun itti gafatammumman kan itti hanqate jechuun ibsaniiru.

Ministirri ministeera fayya Speen Saalvadoor Illaa gama isaaniin hirmaattoonni akka tasgabba’anii gaafataniiru.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.