Fana: At a Speed of Life!

Qoramaatni biyyaalessaa 12ffaa fi naannoo kutaa 8ffaa barnoota cin waggaa 3 qofa uwwisa

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) -Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa fi naannoo 8ffaa bara 2012 barnoota cin waggaa 3 qofa of keessaatti kan haammate ta’uu Ministirri Barnootaa Dooktar Geetaahun Makuriyaa himaniiru.

Bu’uuruma kanaan qormaannii kutaa 12ffaa, barnoota cin waggaa kutaa 11ffaa lamaanii fi kutaa 12ffa cin waggaa jalqabaa adeemsa qormaata baasuu keessaatti kan haammatamu ta’a.

Haaluma walfakkaatuun kutaa 7ffaa cin waggaa lamaanii fi kutaa 8ffaa cin waggaa jalqabaa qormaata kutaa 8ffaa keessatti ni haammatama.

Manneen barnootaa cin waggaa sadan darbanirratti barnoota dabalataa guyyaa 45f barattootaaf akka laatan himaniiru.

Qormaanni kutaa 12ffaa onlaayiniin kan laatamu ta’u ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.