Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa fi hojiin diizaayinii bishaan jallisii lafa keessaa Shinillee fi Booranaa hojjetamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 28, 2013 (FBC) – Qorannaa fi hojiin diizaayinii bishaan jallisii lafa keessaa Shinillee fi Booranaa hojjetamaa jira.
 
Koorporeeshinii Hojiilee Koonistiraakshinii, Diizaayinii fi Suupparviizhinii Ityoophiyaa waliin waliigalteen mallatteeffamee Caamsaa 2012 eegalee hojjetamaa jira.
 
Qorannaan diizaayinii bishaan lafa keessaa Booranaa mootummaa naannoo Oromiyaatin lafa heektaara kuma 10 irratti hojjetama.
 
Qorannaan diizaayinii bishaan lafa keessaa Shinillee mootummaa naannoo Somaaletiin lafa heektaara kuma 20 irratti gaggeeffama.
 
Proojaktoonni lamaan tokkoon tokkoon isaanii Birrii miiliyoona 9 hojjetamu.
 
Hojiin diizaayinii hanga Sadaasa 2013 kan xumuramu ta’a jedhaniiru daayreektarri koominikeeshinii Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.