Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa obbo Baqqalaarratti gaggeessaa ture xumuruu Biiroon Qorannaa Yakkaa Poolisii Federaalaa beeksise

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Qorannaa obbo Baqqalaa Garbaarratti gaggeessaa ture xumuruu Biiroon Qorannaa Yakkaa Koomiishinii Poolisii Federaalaa beeksise.
 
Sanadni beellama yerootin laalamaa ture cufamee, qorannaa haaraa jalqabaa banametti akka darbuuf qorataan poolisii gaafateera.
 
Kana jechuun Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa galmicha poolisii harkaa fuudhee, qorannaan shakkamaarratti gaggeeffamaa ture amanamaa ta’uun yoo mirkanaa’e, eegumsa ragaatif sirna hordofamudha.
 
Galmeen qorannaa jalqabaa Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti kan baname yoo ta’u, dhaddachi beellama yeroo ilaalaa ture cufamee dhaddacha qorannaa jalqabaatti akka qajeelfamu gareen qorannaa fi abbaan alangee gaafataniiru.
 
Garichi Waxabajjii 23 fi 24,2012 jeequmsa uumameen miidhaan qaqqabuu beeksiseera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.