Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 100 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 100 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii samuudaa 4,950 hojjetameera.
 
Kana keessaayis namoota 100 irratti vaayrasichi argamuun mirkanaa’era.
 
Namoota kanneen keessaa 3 seenaa imala biyya alaa kan qaban yoo ta’an, 35 namoota vaayrasichaan qabamaniin tuttuqqii kan qaban, 62 ammoo tuttuqqiis ta’e seenaa imala alaa kan hin qabnedha.
 
Namoonni 94 magaalaa Finfinneedhaa, 1 naannoo Tigraay, 2 naannoo Somaalee, 3 ammoo naannoo Oromiyaa ta’uun galmaa’era.
 
Koorniyaadhan dhiirri 53 yoo ta’u, dubartoonni 47.
 
Umriin isaanii waggaa 3 hanga 70 ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
Namoota 100 keessaa 99 lammiilee Ityoophiyaa, 1 lammii Buruundiiti.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 831 ga’aniiru.
 
Dubartiin umrii waggaa 70 dhibee birootin yaalarra turan samuudaan fudhatameefii qoratamaa osoo jiranuu lubbuun isaanii darbeera. Bu’aa qorannichaatinis vaayrasichi irratti argameera.
 
Haaluma kanaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan lubbuu isaanii dhaban 7 ga’aniiru.
 
Namoonni haaraan 10 vaayrasii koroonaarraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan namnoonni 191 dandamataniiru.
 
Vaayrasichi Ityoophiyaatti argamuun ega ibsamee eegalee qorannaan samuudaa namoota 96,566 gaggeeffameera.
 
Waliigalaan namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 831 yoo ta’an, 631 deeggarsa yaalaa argachaa jiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.