Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 150 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoota 150 irratti vaayrasiin koroonaa argamuun mirkanaa’e.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti qorannaan laabraatoorii 5,141 gaggeeffamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Namoota 150 keessaa 94 dhiirota, 56 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaanii waggaa 3 amma 72 ta’uu Dooktar Liyaan beeksisaniiru.
 
147 lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, 3 lammiilee biyyoota alaati.
 
Qorannaa sa’aa 24n namoota vaayrasichi irratti argame keessaa 123 Finfinnee, 1 naannoo Afaar, 2 naannoo Tigraay, 3 naannoo Kibba, 2 naannoo Oromiyaa, 13 naannoo Amaaraa, 6 ammoo naannoo Somaaletiiyi jedhaniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaa amma ammaatti gaggeeffame 125,570 namoota 1,636 irratti vaayrasiin koroonaa argameera.
 
Waliigalaan amma ammaatti Ityoophiyaatti namoonni 18 vaayrasichaan lubbuun isaanii yoo darbu, 250 ammoo dandamataniiru.
 
Tursa hordoffii yaala addaa keessa kan jiran 16.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.