Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24tin namoota 30 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Fifninnee, Caamsaa 14, 2012 (FBC) –– Qorannaa sa’aa 24 darbe keessa gaggeeffameen, namoota 30 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 3,645 qoratameera.
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 429 qaqqabeera.
 
Namoonni vaayrasichi irratti argame hundinuu Ityoophiyaanota umriin isaan waggaa 15 hanga 6 yoo ta’an, koorniyaadhan dhiira 26 fi dubartoota 4.
 
Namoonni 17 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.
Namoonni 9 ammoo seenaa imala alaa qabu.
 
Namni 4 ammoo tuttuqaas seenaa imalaas hin qaban.
 
Namoonni 18 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an,
namoonni 3 ammoo naannoo Afaar.
 
Namoonni 4 naannoo Oromiyaa.
 
Namoonni 3 naannoo Tigraay.
 
Namoonni lama Konkolaachiftoota daangaa ce’aa.
 
Namoonni haaraan 5 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni dandamatan 128 qaqqabaniiru.
Namoonni 294 yaaalarratti argamu.
 
Waliigala namoota 73,164 qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.