Fana: At a Speed of Life!

Qorannaa sa’aa 24tin namoota 35 irratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti gaggeeffameen namoota 35 irratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Sa’aa 24 darbe keessatti samuudaan namoota 1,775 qoratamuu ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.
 
Namoota 35 keessaa 6 seenaa imala biyya alaa kan qaban, 24 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqqii kan qaban, 5 ammoo seenaa imalaas ta’e tuttuqqii kan hin qabnedha jedhameera.
 
Soddomii shanan keessaa 29 Finfinneerraa, 1 Oromiyaarraa (konkolaachisaa daangaa qaxxaamuru), 4 naannoo Somaalee tursa addaa Jigjigaarraa, 1 naannoo Amaaraa tursa addaa magaalaa Axaayyeerraa ta’uus ibsaniiru.
 
Namoonni kanneen koorniyaadhan 17 dhiira, 18 ammoo dubartoota.
 
Umriin isaanii ammoo 18 hanga 80 ta’uu Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 352 qaqqabeera.
 
Qorannaan laabraatooriis samuudaa namoota 59,029f gaggeeffameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.