Fana: At a Speed of Life!

Qorannaan vaayrasii koroonaa cimee akka itti fufu MM Dr Abiy Ahimad dhaaman

Finfinnee, Caamsaa 21, 2012 (FBC) – Qorannaan vaayrasii koroonaa cimee akka itti fufu muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dhaaman.
 
Koreen ittisa tamsa’ina vaayrasii koroonaa ministirootaa walitti qabdummaa muummee ministiraatin har’a ganama walga’iisaa gaggeessera.
 
Hojiilee hojjetamanirratti mari’achuudhan, muummee ministiraa kallattiin hojii itti aanu kennaniiru.
 
Tamsa’inni vaayrasichaa dabalaa dhufuu; kana keessaa %67 magaalaa Finfinneetii vaayrasichaan kan qabaman ta’uun Ministeera Fayyaatin ibsameera.
 
Hojiin mana manarra deemanii adda baasuu akkuma jirutti ta’ee, tuttuqqii kan qaban adda kan baasan gareewwan 700 ol guutuu biyyaatti bobbaafamuun eerameera.
 
Koreen Infoormeeshin, Koominikeeshin Teeknooloojii dhaabbileen mootummaa walga’ii qaamaan gaggeessanirra inni teeknooloojidhaan gaggeessan bu’a qabeessa ta’uu ibseera.
 
Koreewwan birootis raawwii hojii isaanii dhiyeessanii irratti mari’atameera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadis qorannaan vaayrasichaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffamu cimee akka itti fufu kallattii kaa’aniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuudhan cinaatti hojiin oomishtummaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.