Fana: At a Speed of Life!

Qorannoo biyyaalessaa dhimmoota bulchiinsa daangaa fi eenyummaa irratti mariin gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Qorannoo biyyaalessaa dhimmoota bulchiinsa daangaa fi eenyummaa irratti gaaffilee ka’aniif furmaata laachuuf gargaarurratti mariin gaggeeffameera.

Gaaffii bulchhinsa daangaa fi dhimmoota eenyummaa ilaalchisee ka’an waaraan furuuf qorannoon gaggeeffame murtoof osoo hin dhiyaatin dura ummanni bal’inaan irratti kan mari’atu ta’uu itti aanaan Komishinaraa Komishinii bulchiinsa daangaa fi dhimmoota eenyummaa Ustaas Abbubakar Ahimad ibsaniiru.

Gaggeessummaa Yuunvarsiitii Finfinneen qorannoon baatii 18 darbaniif gaggeeffamaa ture yaada manni maree dhiyeessu dabataan galteewwan walitti qabuuf mariif dhiyaachuu himaniiru.

Qorannoo biyyaalessaa kanarratti galteewwan walitti qabuuf mariin jalqabaa Magaalaa Dirree Dawwaatti gaggeeffamuu eeraniiru.

Marii kanarratti Abbootiin amantaa, Jaarsoliin biyyaa, hayyoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo, hoggantoonni kutaalee hawaasaa, dargaggoonni, dubartoonni, waldaaleen siiviikii fi bakka buutoonni paartilee siyaasaa hirmaachuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.