Fana: At a Speed of Life!

Qorannoo fi qo’annoo bu’aa qabeessa ta’e gaggeessuuf hojiin qindoominaa murteessaadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Ministirr deettaan Ministeera Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota olaanoo Proofeeseer Afwarq Kaasuu qorannoo fi qo’annoo bu’aa qabeessa ta’e gaggeessuuf hojiin qindoominaa murteessaa jechuun ibsaniiru.

Mariin dhimma qorannoo fi qo’annoo irratti xiyyeeffate wal ta’iinsa ministeera saayinsii fi dhaabbilee barnoota  olaanoo fi yuunvarsiitii Jimmaatti  wiirtuu qorannoo dhukkuboota tirooppikaalii fi daddarboo taasifameera.

Piroofeesar Afwarq Kaasuun, biyya keenyatti hojii qorannoo waggootta baayyeef  hojjettama akka ture himanii bu’aan argamee garuu  gad aanaadha jedhaniiru.

Kana furuuf ammoo dhaabbileen barnoota olaanoo hojii qindoominaa beekumsaan deeggarameen hojiilee qorannoo adda addaa taasisuu qabun dubbataniiru.

Ministirr Deetaan ministeera saayinsii fi dhaabbilee olaanoo Dooktar Muluu Naggaan, biyyoonni Afriikaa hojii qorannoo fi qo’annoo keessatti gaheen qaban xiqqaa ta’uu himaniiru.

Akka biyyaatti dhaabbilee barnootarraa hojii baruu fi barsiisuu, qorannoo saayinsawaa gochuu fi kalaqa irratti xiyyeeffachun hojjechun murteessaa ta’u hubachu qabu jedhaniiru.

Preezdantiin yuunvarsiitii Jimmaa Dooktar Jamaal Abbaa Fiixaa yuunvarsiitiin Jimmaa wiirtuulee qorannoo garagaraa 17 akka qabu himanii kana keessaa wiirtuun qorannoo  dhukkuboota tirooppikaalii fi daddarboo kan gahee guddaa bahaachaa jiruu angafa ta’u himanii yuunvarsiitichii hojii qorannoo fi qu’annoof  xiyyeeffannaa kenne akka hojjetu ibsaniiru.

Waltajjiin marii kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’uu dhaabbileen qorannoo 23 fi waajjirraleen  ministeerootaa 11 ol hirmaachaa jiru.

Tamasgeen Allabbachootu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.