Fana: At a Speed of Life!

Qorannoo hojiirra oolmaa sirna barnootaa af-daneessaarratti maatii barattootaa waliin mari’atame

Finfinnee, Mudde 22, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti  qorannoo hojiirra oolmaa sirna barnootaa af-daneessaarratti maatii barattootaa kutaalee magaalaa hundarraa walitti babba’an waliin mari’atamuu ibsame.

Ityoophiyaan heddumana ishee kabajjeefi kunuunsite dhalootaa dhalootatti akka ceetuuf hojiileen garaagaraa hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alam ibsaniiru.

Qorannoo hojiirra oolmaa af-daneessummaa irratti Yuunivarsiitiin Kotobee hojjechaa jiruuf yaadni maatiin kennan akka galtee dabalataatti kan fudhataman ta’uu obbo Mallas dubbachuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.