Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon barumsi adda cite yoo itti fufuu dhiibbaan akka hin uumamne taasisu argame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2012 (FBC) – Sabaaba weerara vaayrasii koroonaan barumsi adda cite yoo itti fufuu qorannoon dhiibbaan akka hin uumamne taasisu argamu Ministeerri Barnoota beeksise.

Kanaafis barumsi adda cite ture bifaa kamiin itti fufuun akka danda’amuu gareen qoratuu gurmaa’uun hojjetaa jiraachuu miniteerichi ibseera.

Weerara vaayrasii koroonaan Ityoophiyaa seenuu irratti hunda’uun tarkaniffiiwwan fudhataman keessaa tokko manneen barnoota cufuu yoo ta’u, baatii Bitootessaa irraa eegaale maanne barnoota biyyaatti keessa jiraan hundi cufaamaniiru.

Daayreektarri dhimmoota kominikeeshinii ministeera barnoota addee Hareguwa Maammoo, sababa weerarichaan manneen barnoota yeroo muurta’eef akka cufamanii fi barattoonni raadiyoo televiizhinii barataa jiraachuu himaniiri.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.