Fana: At a Speed of Life!

Qorattoonni Awustiraaliyaa addunyaarra intarneeti saffisaa galmeessuu beeksisan

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) – Qorattoonni Awustiraaliyaa addunyaarra intarneeti saffisaa galmeessuu beeksisan.

Qorattoonni Yuunivaarsiitii Iswiimbarii fi RM ICTsaffiisni intarneetii galmeessan sekaanditti teeraabaaytii 44.2 dha.

Kana jechuun fayyadamtoonni yeroo sakaandii tokko hin guutneetti haay deefiniishini ( fiilmoota qulqullina olaanaa qaban) kuma 1 buusuu ni danda’u.

 

Dhaabbata Telekominikeeshinii Yuunaayitid Kingidaam kan ta’e Ofkoom akka jedhutti wayita ammaa saffisni intarneetti Yuunaayitid Kingidaamitti sakandii takkatti meegaabaayitii 64 dha.

 

Awustiraaliyaan biyyoota addunyaa keenya keessaa saffisa intarneeti giddu galeessaa biyya qabdudha. Safiisni intarneeti ishee dadhabaa ta’uun maammiltoonni ishee komii kaasaa turaniiru.

 

Saafisni intarneeti qorattoonni Awustiraaliyaa ammaan tana argatan kun addunyaa keenyarraa kan jalqaba yoo ta’u, seenaa intarneetii faaybar optiikiitti saffisa cimaadha jedhameera.

 

Qorattoonni kunneen meeshaaleen isaan fayyadamaan meeshaa Broodbaand Neetwarkii Biyyaalessaa Awustraaliyaa fayyadamaa turanidha.

 

Haata’utii, qorattoonni kunneen meeshichi caalumatti akka tajaajilu guddisaniiru.

Maddi:BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.