Fana: At a Speed of Life!

Qorattoonni Chaayinaa mala wayita hoo’a olaanaa haala xiyyaarotaa hordofu ifoomsan

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Qorattoonni Chaayinaa mala wayita hoo’a olaanaa haala xiyyaarotaa hordofu ifoomsan

Teeknooloojii haaraan kun xiyyaaronni wayita hoo’a digrii seeliishiyeesii 800 hanga kuma 1 fi 300 keessa hojjetan rakkoo mudatu adda baasuu kan danda’u ta’uu beeksisaniiru.

Teeknooloojichi xiyyaaronni hoo’a fi qorra olaanaa keessa wayita socho’anitti haala waliigalaa isaanii to’achuu kan dandeessisudha.

Ariitii olaanaan wayita balali’anittis ho’a dandamatanii imaluu danda’umoo hin danda’an kan jedhu adda baasuun murteessuu dandeessisu.

Xiyyaarota hoo’a olaanaa dandamatanii imaluu danda’an hojjechuufis akka ka’umsaatti ni tajaajilaan abdiin irra kaa’ameera.

Hojii xiyyaaraa fooyyessuu, fee’isa xiqqaadhaa amma ulfaataatti akka baatan itti yaadamee hojjechuufis gumaacha ni qabaata jedhameera.

Maddi:- CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.