Fana: At a Speed of Life!

Qoricha Doonaald Tiraamp ittiin fayyaniif beekamtiin kenname

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Ameerikaan namoota dhibee Covid-19f hospitaala galan wallaanuudhaaf qorichi Reemdesviir jedhamu akka hojiirra ooluuf eeyyamte.

Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa (AFDA) akka jedhetti, qorichi kun yeroo yaalii kilinikaarra turetti dhukkubsattoonni vaayrasichaa akka dafanii fayyan guyyoota shaniin gabaabsa jedhameera.

Yeroo dhiyeenya kana Covid-19n qabamanii turan Preezdaanti Doonaald Tiraamp qorichi kun kan kennameef yoo ta’u, akka dafanii fayyaniif isaan gargaareera jedhamee ture.

Qorichi maqaan biraandii Veeklerii jedhamu moggaafameef kun qoricha wallaansa vaayrasii koroonaaf eeyyama Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa (AFDA) argachuun kan jalqabaadha.

Torban darbe Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Reemdesviir namoota vaayirasichaan qabamanii dhukkubsatan fayyisuurratti bu’aa inni qabu xiqqaadha jedhee ture.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannoo ofii isaatiin gaggeesseen akka yaada kanarra gahe dubbatus, dhaabbanni Reemdesviir omishu Gileed jedhamu garuu bu’aa qorannoo WHO kana hin fudhanne ture.

Reemdesviir ji’a Caamsaa darbe irraa kaasee yeroo hatattamaan qofaaf akka faayidaarra ooluuf eeyyamamee ture.

Akka Abbaa Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaatti, qorichichi namoota ga’eessa ta’anii fi ijoollee umuriin isaanii waggaa 12 guute, akkasumas kanneen ulfaatinni isaanii Kiilogiraamii 40 ta’eef hospitaala dhibee Covid-19f itti wallaanamaa jiran keessatti hojiirra ooluu ni danda’a.

Komishinariin Abbaa Taayitichaa Isteefen Hahaan akka jedhanitti, dhaabbatichi murtee kana irra kan gaheyaaliiwwan kilinikaa irra deddeebiin erga taasise sirriitti sakatta’een boodadha.
Qorannoowwan gara garaa taasifaman keessaa tokko guyyaa itti namoonni fayyan 15 irraa 10tti gadi xiqqeessuun isaa ibsameera.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.