Fana: At a Speed of Life!

Qorichoonni tajaajila yaala dhibee Sukkaaraaf oolan raabsamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) – Qorichoonni tajaajila yaala dhibee Sukkaaraaf oolan raabsamaa jiraachuu ibsameera.

Ejansiin dhiyeessa Qorichaa Ityoophiyaa Qorichoota tajaajila yaala dhibee Sukkaaraaf oolan baatii Gurraandhala 2013 eegalee baay’inaan raabsaa jiraachuu ogeettiin raabsa qorichaa aadde Mihiraat Geetahuun ibsaniiru.

Qorichoonni raabsamaa jiraniis ‘Insuuliinii Soolubilii’ fi ‘Insuuliinii Aysoofeen baayziik’ kan jedhaman ta’uu ibsaniiru.

Qorichoonni kunneen dhukkubsatootta dhibee Sukkaaraa sadarkaa 1 fi 2 akkasumas rakkoo fayyaa dhibee Sukkaara waliin wal qabatanii dhufaniif yaaluuf kan tajaajilaniidha jedhan.

Raabsi qorichoota kanneenii gama dameewwan Ejansichaan hundaan dhaabbilee fayyaaf raabsamaa kan jiru yoo ta’u, birrii miiliyoona 12 fi kuma 72 oliin bitamuu eeraniiru.

Yeroo ammaas qorichoonni kunneen ga’aan jiraachuu fi raabsaama jiraachuu eeruun, hawaasni hanqinni jira jechuun dhidhiphachuu akka hin qabne himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.