Fana: At a Speed of Life!

Qorichoota yaala Horii 36 gabaarra oolaan keessaa 10 sadarkaa gadi ta’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC) – Qorichoota yaala Horii 36 gabaarra oolaan keessaa sakattoon laabraatoorii taasiifameen10 sadarkaa gadi ta’anii argamuu  Abbaan Taayitaa To’annoo Horii, Qorichaa fi bulchiinsa nyaata loonii beeksiseera.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen Dhaabbii dhimmoota Qonnaa, Horsiisee bulaa fi eeggumsa naannoo hojiin to’annoo nyaata loonii fi  qorichaa cimuu akka qabu hubachiseera.

Abbaan Taayitichaa gabaasa baatiwwan 6n darbanii Koree dhaabbichaaf dhiyeessuun irratti mari’atameera.

Qaamolee seeraan ala dhiyeessa nyaata Loonii fi qorichaarratti bobba’anii argamanirratti tarkaanfiin akka fudhatamuu gaafatameera.

Qorichoota alaa galuun sakattoon Laabraatoorii taasiifameef 24 keessaa 22 sadarkaa kan eeggatan ta’uu mirkanaa’uu Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitichaa Dooktar Xarzuu Daayyaan ibsaniiru.

Qorichoota gabaarra oolaan 36 keessa 10 sadarkaa gadi ta’anii argamaniiru jedhan.

Qorichoonni alaa galuun sadarkaa gadi ta’an akka deebii’an taasiifamuu himaniiru.

Walitti qabaan koree dhaabbichaa obbo Naggaaliinyi Yooseef Abbaan Taayitichaa Qorichootaa fi nyaata Loonii seeraan ala gabaarra ooluun to’achuuf cimsee akka hojjetu yaadachiisaniiru.

Abbaan Taayitichaa qooda fudhattoota waliin hariiroo qabu cimsuu akka qabu ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.