Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni ba’iinsaa yuunivarsitiiwwanii Adoolessa dhufu oonlaayiniin kennama-Ministeericha

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Qormaanni ba’iinsaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo baatii Adoolessaa dhufu oonlaayiniin kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Saamu’eel Kifileen qormaata ba’iinsaa ilaalchisee barattootaa fi bakka bu’oota hawaasaa waliin mari’ataniiru.

Marichaanis qormaanni ba’iinsaa barattootaa yuunivarsitiiwwan mootummaa fi dhuunfaa hundaaf baatii Adoolessaa dhufu Onlaayiniin akka kennamu ibsaniiru.

Qormaatichis, dameewwan barnootaa fi sagantaalee hundaarratti akka kennamu ibsameera.

Qormaata ba’iinsaa fudhachuuf barattoonni qormaata seemisteera xumuraa yuunivarsitiiwwanitti kennamu fudhachuu fi koorsiiwwan hundaa xumuruu akka qaban Dooktar Saamu’eel ibsaniiru.

Qormaatichaafis dameewwan barnootaa hundaarratti koorsiiwwan filaman calalliin ga’umsaaf addaa baafamuun yuunivarsitiiwwan beeksisfamuu kaasaniiru.

Kana malees, argisiistuun wixinee fi hojiin qophii qormaatichaa xumuramaa jiraachuu himan.

Kanaaf barattoonni baatiiwwan shanan hafanitti qophii barbaachisaa taasisuun qormaatichaaf of qopheessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Maricharratti Pireezidaantonni Gamtaa Barattootaa yuunivarsiitiiwwan hundaarraa baba’an hirmaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.