Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2, 2014tti kennama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2014 (FBC) – Qormaanni Biyyoolessaa kutaa 12ffaa Onkoloolessa 29 hanga Sadaasa 2, 2014tti kan kennamu ta’uu Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa beeksiise.

Barattoonni kumni dhibbi  6  fi kumni 18 ol qormaata kana kan fudhatan ta’uu Daayreektarri Olaanaan Ejensiin Madaallii Ga’umsaa fi Qormaata Biyyaalessaa Dooktar Diilaamoo Ootoree ibsaniiru.

Qormaatichi buufataalee qormaataa kuma 2 fi 112 irratti kan laatamu  yoo ta’u, barsiisoonni kumni 16 ol qormaata kana ni qoran ta’uu eeraniiru.

Qormaatichi naannoo Tigraayiin ala naannolee hundatti kan laatamu ta’uus himaniiru.

Siisay Geetinnatiitu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.