Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2014 yuunivarsiitiiwwan keessatti kan kennamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Qormaanni kutaa 12ffaa bara 2014 yuunivarsiitiiwwan keessatti kan kennamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaan manneen barnootaa moodeeliii magaaloota Hoosaa’iinaa, Waraabee fi Walqixxeetti argaman daawwataniiru.
Proofeesar Birihaanuun,Wayita daawwaannaa isaanii marii hawaasaa fi barsiisoota manneen barnootaa kanneenii waliin taasiisaniin, qormaanni seensa Yuunvarsiitii bara kanaa manneen barnootaa keessatti osooo hin taane Yuunvarsiitiwwan keessatti kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
Qormaatichis ollaayiniin/online/ kennamuu kan eegalu ta’uu himaniiru.
Murtoon kunis hannaa fi waliin dhahiinsa qormaata hambisuuf kan murtaa’e ta’uu eeraniiru.
Ministeerri Barnootaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf dameewwan barnootaa waliigalaa fi olaanoorratti tarkaanfii garaagaraa fudhachaa jiraachuu Proofeesar Birhaanuun eeraniiru.
Proofeesar Birhaanuun daawwannaa isaaniin booda biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.